Dubartootni qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gumaacha yoomiyyuu hin dagatamne kennani. Garummoo hamma gumaacha isaan kennanii, dubartootnis, nuti worri dhiiras “credit” gahaa kennineerraaf jedhee hin yaadu.
Jaal Qananii Magarsaa jedhamiti, kibba baha Oromiyaa, Baalee Dalloo Manaatti bara 1994 keessa kufte. Lolli isiin irratti kuftu sun, lola WBO godhe keessaa lola guddaa ture. Lola qabsaawotnii fi hoogganni akka J/Guutamaa Hawaasi fa’a keessatti woreegaman. Lola Haxiballaa jedhamuun beekkama. Haxiballaa achumaa aanaa Dalloo Manaa keessatti argamti.
J/Qananiin aanaa Dodolatti dhalatte. Haadha ilma tokkoo turte.
Qabsaawota keenya hunda, Rabbi Jannataan haa qananiisu!!!

